Iddoowwan seenaa fi aadaa Oromoo kanneen akka Madda Walaabuu, Odaalee adda addaa (Odaabee, Odaaree, Odaa Nabee, kkf) irratti beekumsa bu’uuraa kenna. Faayidaa Kitaaba Kanaa Barattootaaf
Kabaja namaa, safuu, fi naamusni jireenya hawaasummaa keessatti qaban maali akka ta’e ibsuu.
Gadaan maal akka ta’ee fi uummata Oromootiif hiika inni qabu barattootaaf karaa salphaan ibsa.
Aadaa isaanii dhaloota biraatti beeksisuuf ofitti amanamummaa argatu.